شبكة إيماننا الإسلامية | الدروس و المحاضرات
   
   
 

KITAABA
HAJJI`IIFII UMRAA

duree

 Hajji`iifii umraa

Gatii hajji`iifii umra`aa
Adaba Imaltu`uu
Akkaataa hajji`iifii umraa hidhatuu
gosa hidhanna’aa 
Owwaatinsa ( attalbiya )
Waan nama hajji`iifii umraa hidhaterratti dhoowwamu
naamusa  Makka  seenu'uu
Xawaafa dhufiinsaa
Saysakha
Sa`yii
Arafaa dhaabbatuu
Arafa`arraa gara muzdalifa`aa dacha`uu
Muzdalifarraa gara mina yaa`u
Dalagaa guyyaa iida arafa`aa minatti dalagan
Mina buluu
Xawaafa dhaammanna`aa
umraa
Hajjiin ir`atuun waa afurin
Al`ihsaar ( dhoowwamuu )
Ziyaaraa masjida nabi muhammadiifii
Bid’aa bakka ziyaara’atti dhiifamuu qabdu
Waan nama madiinaa dhaqerraa barbaadamu
Dhuma kitaabaa
 

 

 

 

 

 

 

 

KITAABA
HAJJI`IIFII UMRAA

   
 

 

زيارة مسجد رسول الله  صلى الله عليه وسلم

ZIYAARAA MASJIDA NABI MUHAMMADIIFII  NAGEENYI ISAANIRRATTI HAA JIRAATUU

  

 

Masjida nabi Muhammaditti salaatu`uuf Madiinaa dhaquun ni barbaadama salaanni isa keessatti salaatan raka`aan tokkichi raka`aa bakka biratti salaatanirra darajaa kumaan caala masjida makkaa malee salaanni tokkichi masjida makkatti salaatan salaata bakka biratti salaatanirraa sawaaba kum dhib tokkoon caala ammoo salaanni masjida qudsitti salaatan kan masjida biraa keessatti salaatanirraa darajaa dhibba shaniin caala waan masjida makkaatifii madiina`aa hin tayin .

Akkasuma qabrii nabi Muhammad ziyaarun akkaan barbaadama nabi Muhammad akki je`e namni islaamaa tokko yoo qabrii tiyya bira dhaabbatee narratti salaammate salaamtaa isaaf deebiseetin irratti salaammadhaa je`an salaamtaa isaanii argatuun waan laaftu`uu miti.nabiin hadiisa abuu daawuud addeesse kanaan ziyaaraa qabrii isaanitti nama kaasuu je`ama salaamtaa isaani barbaadaf

Ziyaaran qabrii nabi Muhammad barbaadamuu sahaaba nabiitifii warra isaan jala deeme hundaatu itti walii gale akka hadiisni nabi{kan qabrii ziyaaru`urraa tanaan dura isin dhowween jiraa ammammoo ziyaaraa qabrii ziyaarun aakhiraa nama yaadachiiftii } je`u akkasuma nabi Muhammad qabroota Madiina`aa ziyaaruu turee

{ وقال عليه السلام لمعاذ حين ارسله الى اليمن : يا معاذ عسى لا تلقانى بعد عامى هذا ولعلك ان تمر بمسجدي هذا وقبرى }       رواه احمد بسند صحيح

 Ma’naan isaa : 

 {Nabi Muhammad nageenyi isarratti haa jiraatuu hoggaa mukgaazh binu jabal yamanitti erge akki je’een yaa mukgaazh  eega bara kanaatii nan gartun siyaa wanni khajeelu  masjida kiyya kanaafii qabrii tiyyarra dabruu keeti } hadiisa kana ahmaddu odeesse karaa fayyaa qabuun  hadiisa nagaya qabu keessatti nabiin akki je`ee

 من خرج من بيته لزيارتي ولا يخرجه الا زيارتي كنت له شفيعاً

eega sawaaba masjida nabiitifii qabrii isaanii ziyaarun qabu beynee , nama madiinaa dhaquu fedhurraa wanni barbaadamu:

1 masjida nabitti salaatee qabrii ziyaaruu niyyatu .akka sawaaba lachuu argatu .hoggaa gara madiina’aa deemu nabirratti rahmata buusuu heddommeysuu .

2 odoo ganda madiina’aa hin seenee , qaama dhiqatuu ,yoo isaa mijjaaye.yoo mijjaayu’uuf baate odoo masjida hin seenne dhiqatee huccuu  qulqulluu uffatuu .

3 hoggaa balbala masjidaa gayee seenuu fedhe , miila isaa kan mirgaa haa dursuu, isaa du’aa’ii hoggaa masjida seenan qara’an je’u.eegasii masjida seenee rawdga’atti qajeela . isiin minbaraafii qabrii nabii jidduu jirtii. Duuba achitti raka’aa lama salaamtaa masjidaa { Tahiyyatulmasjid } je’eeti salaata .bakkeen sun bakka nabiin hanga jiran itti salaatan nageenyi isaanirratti haa jiraatuu.

4 eega salaatee qabrii nabii dhaqeeti , fuulan qabri’itti gara galee mataa qabri’irraa hanga dhuudhuma afurii fagaatee dhaabbata isaa ija gad qabatu qalbii isaatin waan addunya’atti rarra’u hundarraa cite . kabajaa bakkee inni dhaabbatuu kabajaa nama inni fuula isaa dura jiruu  gara’atti qabatee , qooqa gad qabatee akki je’u :

السلام عليك يا رسول الله السلام عليك يا نبى الله .السلام عليك يا خيرة الله .السلام عليك ياخيرة رب العالمين . جزاك الله يا رسول ا لله افضل ما جزى نبيا ورسولا عن امته أشهد ان لااله الاالله وحده لاشريك له واشهد انك عبده ورسوله وصفيه من خلقه  واشهد انك بلغت الرسالة واديت الأمانة ونصحت الأمة وجاهدت فىالله حق جهاده .وصلى الله وسلم عليك وعلى اله واصحابك اجمعين

ASSALAAMU ,KGALAYKA ,YAA , RASUULALLAHI .ASSALAAMU , KGALEYKA. YAA ,NABIYYALLAAHI .ASSALAAMU ,KGALEYKA YAAKHIIRATALAAI .ASSALAAMU ,KGALEYKA , YAA KHIIRATA , RABBILKGAALAMIIN .JAZAAKALLAAHU ,YAA RASUULLAAHI ,AFDGALA ,MAAJAAZAANABIYYAN WA RASUULA KGAN UMMATIHII .ASHHADU AN LAA ILALAAHU IBALLAHU WAHDAHUU LAA SHARIIKA LAHUU WA ASHHADU ANNAKA KGABDUHUU WARASUULUHUU WASGFIYYUHUU MIN KHALQIHII.WAASHHADUANNAK BALLAGHTA RISAALAH .WA .ADDEYTAL’AMAANATA .WA NASGAHGTAL’UMMATA WAJAAHADTA FILLAAHI HGAQA JIHAADIHIIWA SGALLALLAAHU WA SALLAM KGALEYKA , WA KGAA AALIKA  WA ASGHGAABIKA  AJMAKGIIN .

Ma`naan isaa akkana :

{ yaa ergamaa Rabbii nageenyi sirratti haa jiraatu .Yaa nabiyyii Rabbii nageenyi sirratti haa jiraatu .Yaa filamaa rabbi nageenyi sirratti haa jiraatu. Yaa maraxamaa Rabbii waa hunda uumee nageenyi Rabbii sirratti haa jiraatu Rabbiin galata ati nurraa qabdu dacha godhee siif haa gachu .galata rabbiin anbiyootafii ergamootaa ummata isaanirraa isaanii galachu caalaa godhee siif haa galchu. Wannin an beekhee yaadu kanin fuula kee durattu je’u : Rabbii tokkicha malee Rabbiin biraa hin jiru.ati gabricha Rabii ergamaa maraxamaa rabbiin waan uume hundarra caalchise.ammas wannin ragaa bayu akka ati waan rabbiin ummatattiin si erge ummatatti geessite akka ati amaanaa rabbii bakkaan geese ,akka ati ummata keetif waan gaarii yaaddee waan gaari’itti gorsitee,waan hamtu’urra dhoowwite .akka ati Rabbii jettee karaa haqaa jabeessu’uuf jihaada goote kana hundarrattan raga isinii baye . Rabbiin rahgmataafii nagaya isinirratti haa buusu aalii teessanirrattis haa buusu, asaabaa teessanirrattis haa buusu

yoo Namni nabirratti naa salaammadhu je’ee itti dhaammate wanni je’u :yaa ergamaa rabbi salaamtan abaluu sirratti haa jiraatu je’a .nama san maqaa dhawee . takkaa abalu sirratti salaammata je’a .

Eega nabirratti salaammatee waa xiqqo gara mirgaa siqeete, qabriin asaab abuu bakrissaddiiq achii irratti salaammata

السلام عليك يا ابا بكر الصديق رضى الله عنك وعن بقية اصحاب رسول الله

Assalaamu kgaleyka yaa abaa bakrissiddiiq Radgiyallaahu kganka wakgan baqiyyati asg hgaabi rasuulillaahi.

Eegasii hanga dhuudhuma tokkooti gara mirga isaa siqa qabriin asaab umar achii irratti salaammata 

السلام عليك يا عمر بن الخطاب رضى الله عنك وعن بقية اصحاب رسول  الله أجمعين .

Assalaamu kgalayka yaa umara bnilkhaxxaab radgiyallaahu kganka wa kgan baqiyyati asghgaabi rasuulillaahi .

Eegasii bakka duraan dhaabbatetti qabrii nabii duratti daabi’a yoo bakka argate . takkaa Rawdgaa keessa dhaabbatee qibla’atti gara galee Rabbi faarsee waan fedhu Rabbi khadhata. Lubbuu isaatifii haadhaa abbaa isaatifii,aalii yookaa fira isaatifii ,sheekkutii isaatifii obboleeyyan isaa  nama isatti dhaammateefii islaama hundaaf Rabbi khadhata.  

Rawdgaa keessatti salaatafii du’aa’ii heddommeysu akkaan barbaadama .

Nabi Muhammad nageenyi isarratti haa jiraatuu akki je’e

{Qabrii tiyyaafii minbara kiyya jidduu caffee jannataatu jira je’an}.

{ ما بين قبرى ومنبرى روضة من رياض الجنة }

{ maa beyna qabrii wa minbarii rawdgatu min riyaadgiljannah}

ma’naan isaa :

{ Bakkeen sun caffee jannataa tayu’uu ,teessi isiin akka bakka biratti hin dhabamtuu, jannata geeffamti. takkaa dalagaa achitti dalagantu caffee jannataa nama  geessa.} jechuu

Ammas nabiin nageenyi isarratti haa jiraatuu akki je’e:

}ومنبرى على حوضى  }

{ WA MINBARII KGALAAGAWDGII }

Ma’naan isaa :

{ gabaabsinee :Minbarri kiyya dhagaa kiyyarra dhaabbata jechu’uu guyyaa qiyaamma`aa : takkaa dalagaan isa biratti dalagan hawdii nama geessiti jechuu. takkaa minbarri isaanii deeffameeti guyyaa qiyaama’aa hgawdgii isaanirra dhaabama jechuu

Bakkeen nabi muhammad nageenyi isaanirratti haa jiraatuu hanga jiruu isaanii itti salaatuu turan  hoggaa goda { bakka nabiin itti salaatan } jechaan itti katabamte gara bitaa keetitti dhiiftee dhaabbatte .bakka isaan dhaabbatan saniifii minbara isaanii jidduun , hanga dhuudhuma kudha afureetifii taakkuu takkaati  bakka sanitti salaatu’uuf bololuun ni barbaadama. bakka barakaa qabduu  ammoo qabrii isaanitiifii minbara isaanii jidduun dhuudhuma shantamii sadii .

 

 

 

 

 

 

 

 

 

kh_rashad2004@hotmail.com